Magaalichatti sagantaan tajaajila tola oltoota gannaa jalqabsiisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC)- Bara baajata 2013tti sagantaa tola oltoota bonaatin Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 70 baraaruun danda’ameera.

Magaalaa Finfinneetti sagantaan tajaajila tola oltoota gannaa mata duree ‘tola oltummaa deeggaruu fi jajjabeessuu’ jedhuun guyyaa har’a eegaleera.

Saganticharratti itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo magaalichaa, abbootii amantaa fi dargaggoon tola oltootaa kutaa magaalaa hundaarra walitti babba’aan argamaniiru.

Dabalataanis ogummaa isaniitin tajaajila tola oltoota laataa kan turan, ogeeyyii fayyaa, ogeeyyii seeraa, hayyoonni akkasumas qindeessitoonni nageenyaa tiraafikaa argamaniiru.

Tajaajila tola oltoota gannaa bara kanaan manneen harka qalleeyyii 43 haaromsuun kan eegalee yoo ta’u, daa’immaan 100 guddifachaan fudhachuuf karoorfamu ibsameera.

Haayimaanot Iyaasuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment