Magaalichatti sagantaan guddinaafi kunuunsa ijoollummaan duraa hojiirra ooluufi

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waggoottan sadan dhufanitti sagantaa guddinaafi kunuunsa ijoollummaan duraan daa’imman kumni dhibbi 3 fi kumni 30 ol deeggarsaafi kunuunsa itti argatan hojiirra oolchuuf ta’uu ibsame.

Bulchiinsi magaalichaa guyyaa har’aa saganticharratti marii gaggeesseera.

Magaalichatti daa’imman lakkoofsaan hedduun rakkoolee guddina sammuuf saaxilamoo ta’uu hogganaan Biig Wiin Fiilaantirooppii Dooktar Kasata Birhaan Admaasuu waraqaa qorannoo dhiyeessaniin ibsaniiru.

Xiyyeeffannoofi kunuunsa barbaachisaa argachuu dhabuun isaanii jireenya egeree isaaniirratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu dubbataniiru.

Kantibaan magaalaa Finfinnee haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, daa’imman xiyyeeffannoo addaa kan barbaadan ta’uu eeruun, daa’imman irratti yoo hojjetamuu baate biyyiifi dhaloonni rakkoo keessa kan galan ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon sagantichaa waggoottan sadii booda daa’immaniifi  maatii galii gadi aanaa argatan hunda fayyadamoo taasisuuf ta’uu kaasuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment