Magaalichatti sababa hanna keebiliin tajaajilli geejjiba baaburaa adda cite ture gariin eegale

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti  sababa hanna keebilii/haadaan tajaajilli geejjiba baaburaa adda citee ture gariin eegaluu ibsame.

Bakkeewwan to’annoo kaameeraa ala jiranitti hanna keebilii daddabarsa elektirikaarratti raawwatameen daandichi tajaajila geejjibaa addaan kutee ture guyyaa har’aa gariin eegaluu Tajaajila Geejjiba Baabura Salphaa Magaalaa Finfinneetti Daayrektarri Geejjibaa obbo Akliluu Hiiphisoo Faanaa Broodkaastiing Korporeetiotti himaniiru.

Sararri Qaallittii hanga Mashuwaalekiyaa jiru tajaajila kennuu eegaluu ibsuun sararoota biroon guutumaan guutuutti hojii eegalchiisuuf sochiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bakkeewwan hanni keebilii raawwatame naannoo Sabaattenyaa, Lidataa fi Haayaat ta’uu ibsaniiru.

Sababa tajaajilichi addaan citeef galii Birriin kumni 350 ol osoo hin sassaabamiin hafuu eeraniiru.

Siisay Geetinnattu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment