Magaalichatti qisaasama Bishaanii hir’isuuf Piroojektiin Birrii miiliyoona 696 ifoome

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti qisaasama Bishaanii hir’isuuf Piroojektiin Birrii Miiliyoona 696 ifoomeera.
Piroojektiin kun Piroojektii Qisaasama Bishaanii hiri’isuuf deeggarsa Baankii Addunyaan hojiirra oolu ta’uu ibsameera.
Magaalichatti Qisaasamni Bishaanii % 37 – 41 ga’a jedhame.
Hojii idileen Qisaasama Bishaanii hir’isuuf tattaaffii olaanaan taasiifamaa jiraachuu Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa magaalaa Finfinneetti qindeessaan Piroojektii To’annoo Qisaasa’ina Bishaanii Bu’uurratti xiyyeeffatee Obbo Altaasab Azzaw ibsaniiru.
Piroojektiin Baankii addunyaan deeggaramus hojii eegaluu eeraniiru.
Maddi:DhPI
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment