Magaalichatti qajeelfama taarifa tajaajila geejjibaa fi dandeetti fe’umsaa ba’erratti fooyya’insi ta’e

Finfinnee, Qaammee 2, 2012(FBC)- Magaalaa Finfinneetti vaayrasiin koroonaa uumamuun walqabatee qajeelfama taarifa tajaajila geejjibaa fi dandeetti fe’umsaa ba’erratti fooyya’insi ta’e.

Abbaan Taayitaa Geejjibaa Magaalaa Finfinnee fooyya’insicha ilaalachisuun ibsa laateera.

Ibsa isaan minibaasii, Awutoobisii Anbassaa, Shaggar fi Haaygar tajaajila geejjibaa ummataa laatan baayyina teessoo isaaniin akka fe’an murtaa’eera.

Taaksiiwwan minibaasii teessoon dhumaa nama 2 ol fe’uu hin danda’u jedhameera ibsichaan.

Konkolaattoonni baajaajii abbaa miila sadii fi afurii shufeera waliin nama 3 fe’uu akka danda’an ibsameera.

Baabburri salphaan qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaan dandeetti fe’isaa %25 qofaa tajaajila kan kennan yeroo ammaa gara %75 olguddateera.

Taarifa waliin walqabatee dachaa kaffaluun hafee fooyya’insi madaaalaman ta’eera.

Bu’uuruma kanaan taarifni taaksii:-

Hanga kiiloo meetra 2.5 duraan Birrii 1 fi saantima 50 kan ture yeroo ammaa Birrii 2.

kiiloo meetra 2.6 hanga kiiloo meetra 5 duraan Birrii 3 ture amma Birrii 4.

Kiiloo meetra 5.1 hanga kiiloo meetra 7.5 duraan Birrii 4 fi saantima 50 ture amma Birrii 6.

kiiloo meetra 7.6 hanga kiiloo meetra 10 duraan Birrii 6 ture amma Birrii 8.

kiiloo meetra 10.1 hanga 12.5 duraan Birrii 7 fi Saantima 50 ture amma Birrii 10.

kiiloo meetra 12.1 hanga 15 duraan Birrii 9 ture amma Birrii 12.

kiiloo meetra 15.1 hanga 17.5 duraan Birrii 10 fi Saantima 50 ture amma Birrii 13.

kiiloo meetra 17.6 hanga 20 duraan Birrii 12 ture amma Birrii 15.

kiiloo meetra 20.1 hanga 22.5 duraan Birrii 13 fi Saantima 50 ture amma Birrii 17.

kiiloo meetra 22.5 hanga 25 duraan Birrii 15 ture amma Birrii 19.

kiiloo meetra 25.1 hanga 27.5 duraan Birrii 16 fi Saantima 50 ture amma Birrii 20.

kiiloo meetra 27.6 hanga 30 duraan Birrii 18 ture amma Birrii 22 ta’eera.

Nama eeyyamameen ala fe’uun Birrii kuma 1 eegalee, taarifaala kaffalchiisuun Birrii kuma 1 fi 500 eegalee akka adabsiisu Abaan Taayitichaa beeksiseera.
Daawwiit Barrihuuntu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment