Magaalichatti qaamolee garee shororkeessaa deeggaran irratti to’annaa cimaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti qaamolee garee shororkeessaa Maallaqaan, Prooppogaandaa fi karaalee garaagaraa  deeggaran irratti to’annaa fi hordoffii cimaan gaggeeffamaa jiraachuu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Koomishiniin poolisii magaalichaa garee nageenyaa biroo fi hawaasa waliin sakattoo taasiseen meeshaaleen waraanaa hedduun qabamuu koomishinarri koomishinichaa Geetuu Argaawu ibsaniiru.

Meeshaalee waraanaa qabaman keessaa Boombii, Fanjii fi Kilaashinkooviin kan argaman ta’uu himaniiru.

Dabalataanis uffanni garaagaraa, maallaqni biyyoota garaagaraa fi waraqaan eenyummaa sobaa kan argaman ta’uu eeraniiru.

Namoonni dhuunfaa fi qaamoleen garaagaraa magaalicha shororkeessuuf garee shororkeessaarraa ajaja fudhatanii socho’aa turan to’atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu koomishinar Geetuun ibsaniiru.

Shakkamtoonni garee fi saba kamirraayyuu yoo ta’an magaalicha jeequuf yoo bobba’an kan to’ataman ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf ammoo duulli nageenyaa amanamaa ta’e qophaa’uu himaniiru.

Firehiwoot Saffiiwutu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment