Magaalichatti proojektiin misooma seeftiineetii boqonnaa 2ffaa eegale

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti proojektiin misooma seeftiineetii boqonnaa 2ffaa eegaleera.

Hiyyummaa hir’isuu fi dhabamsiisuun kan danda’amu qabeenya argame gara hojiitti jijjiiruunii fi misooma waaraa mirkaneessuun ta’uu Ittaanaan Kantiibaa fi hogganaan Biiroo Hojiilee Interpiraayizii fi Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay waltajjiichaan ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee deeggarsaa fi liqii qaamoleen tumsaa taasisaniin hiyyummaa hir’isuuf hojiilee milkaa’ina qaban raawwachuun magaalota biroof fakkeenya ta’uu bira darbee lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuu kaasaniiru.

Boqonnaa 2ffaa kanaan sadarkaa biyyaatti hojiin kun akka dhugoomuuf maallaqa dhaabbilee liqaa idil addunyaarraa argame Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi kan mootummaan remade Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 50 waliigala Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 50 ramadamuu eeraniiru.

Jiraattota magaalichaaf baajaticharraa %70 ramadamuun gara hojiitti galamuu kaasaniiru.

Marsaa jalqabaan aanaalee magaalichaa 37 keessaa lammiilee kuma dhibba 1 oliif waggoota sadiif leenjii garaagaraa kennuun qabiinsaa fi dhabamsiisa balfa goggogaa, hojiilee miidhaginaa fi misooma magariisaa, misooma qindaa’aa qarqara lageenii, qonna magaalaa fi hojiilee bu’uuraalee misoomaa xixiqqaarratti hirmaachisuun bu’aa gaariin argamuu ibsaniiru.

Qidist Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment