Magaalichatti pooliin elektirikaa tuulame jiguun lubbuu ijoollee 2 galaafate

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Magaalaa Dabra Maarqoositti Pooliin elektirikaa tuulame ture jiguun lubbuun ijoollee 2 darbuu ibsame.

Magaalichatti ijoolleen 5 poolii elektirikaa tuulamee turerra osoo taphatanii tuullaan isaa jiguun lubbuun ijoollee 2 darbuufi ijoollee 3 irra miidhaan gahuu Hogganaan Buufata Poolisii 1ffaa magaalichaa Koomaandar Geetinnat Masfin ibsaniiru.

Ijoollee balichaan miidhaan irra gaheef hospitaala Dabra Maarqoositti tajaajilli yaala fayyaa taasifamaa jiraachuu ragaan poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment