Magaalichatti piroojektoonni guyyoota 60/90 namarratti xiyyeeffatan eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Yakkaatti piroojektoonni guyyoota 60/90 namarratti xiyyeeffatan Birrii miiliyoona 818 oliin ijaaraman eebbifaman.

Piroojektoota kanneen keessaa qonna magaalaa, giddugaloota soora namoota humna hin qabnee, giddugaloota gurgurtaa daabboo Shaggariifi kanneen biroo ta’uu eerameera.

Piroojektoonni kunneen fedhii misoomaa uummata kutaa magaalichaa kan deebisan ta’uu Kantiibaan Magaalichaa aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Sagantaa eebba kanarratti Kantiibaa Magaalichaa aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo biroon argamuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment