Magaalichatti Piroojektoonni Birrii miiliyoona 250 oliin ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaman

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti Piroojektoonni garaagaraa 52 baasii Birrii miiliyoona 250 oliin ijaaraman turan xumuramuun tajaajilaaf banamuun ibsame.

Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo hojiilee misooma Magaalaa Roobeetti hojjetamanii fi hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Ministir Deetaan Tajaajila kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan, hojiileen misoomaa Magaalaa Roobee keessatti hojjetamaa jiran hojii fakkeenyummaa gaarii qaban ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment