Magaalichatti namoonni labsii yeroo ariifachiisaa darbanii argaman to’annoo jala oolan

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti namoonni qajeelfama Labsii yeroo ariifachiisaa darbanii argaman to’annoo jala ooluu isaanii Komishiiniin Poolisii magaalichaa beeksise.
 
Akka qajeelfama labsichaatti namoota 4 ol ta’anii iddoo tokkotti walitti qabamuun dhorkaa ta’ee osoo jiru iddoo tokko tokkotti garuu seerri kun cabaa jiraachuu ibsameera.
 
Kutaa bulchiinsa magaalaa Qiirqoos aanaa 7 naannoo laga Haaritti namoonni 31 mooraa tokko keessatti walitti qabamuun Jimaa nyaachaa fi Sigaaraa aarsaa osoo jiranuu to’annoo jala ooluu isaanii itti aanaa itti gaafatamaan qorannoo yakkaa qajeelcha poolisii kutaa bulchiinsa magaalichaa itti aanaan Inispeektaraa Silashii Shaanquxeen dubbataniiru.
 
Gama biroon Kutaa bulchiinsa magaala Addis Katamaa aanaa 1 iddoo addaa mooraa Ameerikaa jedhamutti namoonni 20 mana tokko keessatti walitti qabamuun Shishaa osoo aarsanuu to’atamuu isaanii buufata Poolisii naannoo markaatootti itti gaafataman ittisa yakaa itti aanaan Inispeektaraa Iyyoob Takatal ibsaniiru.
 
Kutuma kanatti iddoo addaa Gommaa Taraa jedhamuttis mana jireenyaa keessatti namoonni 15 Shishaa yeroo xuuchisan harkaa harkatti qabamuun meeshaa shishichaa 66 waliin to’annoo jala oolaniiru jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment