Magaalichatti miseensonni poolisii barataa reebaniiru jedhaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullalleetti miseensonni poolisii barataa reebaniiru jedhaman to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Poolisiin magaalichaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baasen, miseensonni poolisii wayita olaantummaa seeraa kabachiisuuf sochii taasisanitti mirga namoomaa kabajuunii fi kabachiisuun haala seera qabeessaan hojjechuu akka qaban eereera.

Waxabajjii 8,2014 kutaa magaalaa Gullallee aanaa 7 bakka Sameen Maazzagaajaa jedhamuun beekamutti naannoo sa’aatii 5 barataan  daree keessatti Richitii dhukaasuun daree keessaa miliqee ba’uu fi miseensonni poolisii 4 baraticha hordofuun yakka reebichaa irratti raawwachuu eereera.

Gochi seeraan alaa kun miidiyaalee hawaasummaa irratti erga gadi lakkifamee booda Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Dil Bar jedhamu keessatti sagantaa “xumura qormaata kutaa 12ffaati” daree keessatti barataan tokko richitii dhukaasuu isaan barattoonni biroon jeeqamuu eeruun poolisii dhaqabuu ibsameera.

Baratichis daree keessaa erga ba’een booda miseensonni poolisii kunneen hordofuun yakka reebichaa irraan ga’uu poolisiin ibsa isaan eereera.

Miseensota poolisii yakkicha hojjechuun shakkaman to’annaa jala oolchuun qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment