Magaalichatti marsariitii haaraan odeeffannoo gatii gabaa idilee hawaasaaf laatu ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti marsariitii haaraan odeeffannoo gatii gabaa idilee hawaasaaf laatu ifoomeera.
Hoogganaan Biiroo Daldalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yesuuf akka ibsanitti giddugaloota gabaa magaalicha jiru walitti hidhuun hawaasni kallattin bilbila sochootuu fi mala qunnamtii miidiyaa fayyadamuun ragaa argachuun akka bitatu ni gargaara.
Dabalataanis, dhiyeessii fi fedhii oomishaa bekuu fi hawaasni gatii oomishaa beeku kan dandeessisu tahuu ibsaniiru.
Marsariitiin “www.aaminfo.gov.et “jedhuun ifoome kun giddugala gaba 28 oliin walitti kan hidhame tahuu ibsaniiru.
Marsariitichi Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee fi Eejansii Saayinsii fi teeknooloojii Finfinneen kan qophaa’edha.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment