Magaalichatti manneen barnoota dhuunfa 21 qajeelfama kaffalti mootummaan kaa’e darbuun akeekkachiifni dhumaa laatame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Magaalichatti manneen barnoota dhuunfa 21 qajeelfama kaffalti mootummaan kaa’e darbuun akeekkachiifni dhumaa laatame.

 

Qajeelfama kaffaltii mootummaan kaa’e darbuun manneen barnoota dhuunfaa 21f akeekkachiisa dhumaa laachuu Abbaan Taayitaa Qulqullina fi Mirkaneessa Madaalli Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

 

Ministeerri Barnootaa manneen barnoota dhuunfaa kaffaltiin tajaajila barnootaf kaffalchiisan %50 hanga 70 akka ta’u bu’uuruma murtaa’een manneen barnoota hedduun hojiirra oolchaa jirachuu ibsameera.

 

Haata’uuti, waajjira abbaa taayitichaara beekkamtii kan argatan manneen barnoota kuma 1 fi 580 keessaa 21 kan ta’an hawaasa kaffaltii guutuu gaafachaa kan jiran ta’uu mirkaneessun baatii 1 keessatti akka sirreeffama akka taasiisan akeekkachiifni itti laatamuu hoji gaggeessituun waajjira abbaa taayitichaa aadde Shawiit Shaankaa ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment