Magaalichatti lammiileen alaa Doolaara maxxansina jechuun yakka raawwachaa turan 2 to’ataman

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnneetti lammiilee alaa Doolaara Ameerikaa maxxansina jechuun yakka raawwachaa turan 2 to’atamuu ibsameera.
Namoonni dhuunfaan kunneen kutaa magaalaa Qiirqoos iddoo addaa Filaamiingoo jedhamee waamamutti to’atamuu Humni Qindoomaa Nageenyaa beeksiseera.
Namoonni kunneen lammii Kootdivaayeer yoo ta’an, nama tokkorraa qofa Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 60 fudhachuun Doolaara Ameerikaa sobaa hojjetanii laachuuf waliigaltee taasiisuun wayita yakka waliin dhahuu raawwatan harkaa fi harkatti to’atamaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment