Magaalichatti lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaan eenyummaa diijitaalaa kenname – Ejensii Tajaajila Galmeessa Siivilii fi jiraattootaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaan eenyummaa diijitaalaa kennamuu Ejensiin Tajaajila Galmeessa Siivilii fi jiraattootaa beeksiise.

Ejensichi guyyaa hundeeffama isaa waggaa 80ffaa agarsiisa suuraa fi marii paanaaliitiin kabajeera.

Sirna kabajaa kanarratti kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Waggootaan sadan darban keessa hojmaata isaa ammayyeessuun lammiilee miiliyoona 1.3f waraqaa eenyummaa diijitaalaa laachuu isaa daayrektarri olaanaan Ejansichaa Obbo Yoonaas Alamayyoo ibsaniiru.

Ejansichi Yeroo ammaatti tajaajila isaa sadarkaa aanaa hundaatti qaqqabamaa taasiisuu kaasaniiru.

Ejensichi yeroo itti aanus hojimaata isaa caalmaatti ammayyeessuun tajaajila gahumsa qabu hawaasaaf kennuuf hojii haaromsa dhaabbatummaa fi haala hojii mijataa uumuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment