Magaalichatti lammiilee kuma 405 oliif carraan hojii uumameera-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Magalaa Finfinneetti bara baajataa 2014 lammiilee kuma 405 fi 536’f dameelee garaagaraan carraan hojii uumamuu Kantiibaan Magaalichaa Aadde Adaanecha Abeebee ibsan

Aadde Adaanechi walga’ii idilee mana maree magaalichaarratti gabaasa dhiyeessaniin, bara baajatichaatti dameelee carraa hojii addaa baasuun lammiilee hojii barbaadaan kuma 350’f carraa hojii uumuuf tattaffii taasifameen lammiilee kuma 405 fi 536f caaraan hojii umamuu dubbataniiru.

Kanneen keessa lammiilee kuma 380 fi 720’f carraa hojii dhabbii, kuma 24 fi 811 carraan hojii yeroo umameera jedhan.

Dabalataan, lammiilee miidhamtoota qaamaa 597 fi godaansaa deebitootaa 820’f carraan hojii umamuu kan eeran Aadde Adaanech lammiilee carraan hojii umameef keessaa %54 dubartoota, %76 dargaggootaa fi %16 ammoo kanneen yuunivarsiitii fi Dhaabbilee Barnootaa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaarraa ba’aniif ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, intarpiraayizota kuma 19 fi 207’f walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessa fi alaa Birrii biiliyoona 8 uumamuu ibsaniiru.
Miidhamtoota qaamaa fayyadamtoota taasisuuf walitti hidhamiinsa gabaa socho’aa Birrii miiliyoona 10 umamuu ibsaniiru.

Intarpiraayizonni kuma 8 fi 323 gara gulantaa ittaanuutti ce’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni argisiisa.

Dabalataan, sagantaa misoomaa seeftiineetii fi wabii nyaataa marsaa 2ffaa magaalichaan waldaaleen garaagaraan, kutaalee hawaasaa rakkoo diinagdee qaban adda baasuun lammiilee kuma 109 fi 918 fayyadamtootaa taasisuu eeraniiru.

Hojileen dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa jiraattota magaalichaa salphisuu, hoji dhabdummaa hir’isuuf hojjetamuu caalaa, hojiileen aadaa hojii gabbisuuf tumsuun hojjetamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment