Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa Hektaara 138 misoomsitootaaf dabarse

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa Hektaara 138 misoomsitootaaf dabarsuu beeksiise.
Bulchiinsi magaalichaa fedhii lafaa daraan dabalaa dhufeef deebii laachuuf lafa tajaajila garaagaraaf oolu hektaara 138 misoomsitootaaf dabarseera.
Magaalaa Finfinneetti lafa seeraan ala qabamee ture gara baankii lafaatti deebisuun gaaffilee lafaan walqabatanii ka’aa turan deebiisuuf misoomsitoota ulaagaalee guutaniif akka darbu Kaabinee magaalichaan murtoon darbuu Itti aantuun Kaantimaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanichi Abeebee ibsaniiru.
Misoomsitoonni kunneen lafa argatan ariitiin dhimma barbaaddameef akka oolchaan hubachiisaniiru.
Rakkoolee kenniinsa lafaan walqabatee ture qulqulleessuuf ogeeyyii fi hoggansa 430 damichaa irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Haaluma Kaabineen magaalichaan murteesseen dhaabbilee amantaaa garaagaraa 54f lafti Kaaree Meetirri kumni dhibbi 1 fi kumni 21 fi 700, dhaabbilee deeggartootaa miti mootummaa 10f kaaree meetirri kumni 30 fi 724 laatamuu ibsaniiru.
Indaastiriiwwaan haaraa 44 fi buleeyyii 15f lafti karee meetirri kumni dhibbi 5 fi kumni 37 fi 834 darbuu aadde Adaanach himaniiru.
Walumaa gala Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa dabalatee dhaabbilee garaagaraaf lafti hektaarri 138 darbuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment