Magaalichatti konkolaattoonni Koodii 2 dabareen socho’uufi

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti konkolaattoonni manaa dabareen socho’uuf akka ta’e ibsame.
 
Labsii yeroo ariifachiisaa Manni Maree Ministirootaa baase raawwachiisuuf qajeelfama damee geejjibaa ilaalchisee ibsi laattameera.
 
Ibsichaan magaalaa Finfinneetti konkolattoonni manaa/Koodii 2/ lakkoofsa gabatee isaaniin dabareen kan bobba’an ta’uu ibsameera.
 
Kunis lakkoofsa guutuu fi qaraan dabareen bobbii ba’aaf jedhameera.
 
Haaluma kanaan konkolaattoonni lakkoofsi gabatee isaanii guutuu yookaa zeeroo ta’e guyyaa har’aa, kanneen lakkoofsi gabatee isaanii lakkoofsa qaraa ta’e ammoo guyyaa booruu bobbii kan eegalan ta’uu ibsamera.
 
Naannooleenis haala qabatamaa isaaniin qajeelfama kana hojiirra kan oolchaan akka ta’e ragaan Ministeera Geejjibaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment