Magaalichatti hojiin qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014(FBC)- Magaalaa Finfinneetti hojiin qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Ittaanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Indaastirii magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbaay Koree Humna Waloo Tasgabbeessa Gabaa fi Fooyyessa Qaala’iinsa Jireenyaa magaalichaa waliin gabaasa guyyoota 15 gamaaggamaniiru.

Guyyoottan 15 darbanitti qaala’iinsa jireenyaa fooyyessuuf gama dhiyeessii Daabboo Shaggariifi  Gabaa Dilbataa babal’isuun akkasumas gama dhiyeessii zayitaafi shukkaaraan hojiileen hojjetaman fooyyee kan qaban ta’uu ibsameera.

Gatiin Kuduraa fi muduraa akkasumas xaafii gatii idileerra gatii gadi aanaan dhiyeessuun danda’amuu kaafameera.

Hojiin waldaalee dandeettii gadi aanaa qaban guddisuu hojjetamuus gamaaggamicharratti ibsameera.

Seer-maleessummaa ittisuuf dhaabbilee garaagaraarratti hordoffii taasisuun dhaabbilee seer-maleeyyii kuma 1 fi 600 ol adda baasuu fi kuma 1 fi 300 ol ammoo gara seera qabeessatti deebisuun danda’amuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Yeroo itti aanutti dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf riifoormii waldaalee kenniinsa tajaajilaa, qaabeenya qisaasa’e deebisuu fi dhiyeessii oomishaa saffisiisuurratti haalaan hojjetamuu akka qabu  Obbo Jaanxiraar dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment