Magaalichatti hojiileen fooyya’iinsaa hojiimaatilee badaa tajaajila lafaarratti mul’atan hambisan hojjetaamaa jiru jedhame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti hojiileen fooyya’iinsaa hojiimaatilee badaafi hanna tajaajila lafaarratti mul’atan hambisan hojjetaamaa jiraachuu Biiroon Misooma Lafaa magaalichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Dooktar Qana’aa Yaadataan, magaalichatti tajaajiloota lafaafi dhimma lafaa ammayyeessuun hojiimaata badaafi hanna ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Baatiiwwan darbanitti lafa hannaan qabamee dallaan itti ijaarameefi ijaarsi irratti eegalame dabalatee rakkoolee damicharratti mul’atan biroon adda bahuu eeraniiru.

Yeroo ittaanutti hojiimaatilee badaafi hanna damicharratti mul’atu ittisuu kan dandeessisu hojiin fooyya’iinsaa kutaalee magaalaa hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Milkaa’ina isaaf hawaasni gahee mataasaa akka ba’atu gaafataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment