Magaalichatti Hidha Guddicha Haroomsa Ityoophiyaaf Birriin miiliyoonni 682 ol walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti bara baajata 2015’tti Hidha Guddicha Haroomsa Ityoophiyaaf Birriin miiliyoonni 682.5 walitti qabamuu Wajjiirri Qindeessaa Hirmannaa Ummataa Hidha Guddicha Haroomsa Ityoophiyaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hoji Gaggeessaan Waajjirichaa Obbo Misikiir Nagaash bara baajatichatti kutaalee hawaasa garaagaraa miiliyoona 1.2 irraa Birrii miiliyoonni 682.5 waliitti qabamuu ibsaniiru.
Maallaqichi kan walitti qabamees bittaa boondii fi kennaa garaagaraarra ta’uu eeruun, bara darbee yeroo walfakkataan wayita ilaalamuu raawwii %99.6 kan qabu ta’uun eeraniiru.

Jiraattoonni fi Abbootiin qabeenyaa Magaalaa Finfinnee waggoottan 12’n darbanitti Birrii biiliyoona 4.7 ol hidhichaaf deeggarsa taasisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment