Magaalichatti hanni konkolaataa sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti hanni konkolaataa sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu abbootiin qabeenyaa fi konkolaachiftoonni ibsaniiru.

Akka ragaa komishinii poolisii magaalaa Finfinneetti baatiwwan 6’n darbanitti qofaa konkolaattoota 74 irratti yakki hanna raawwatameera.

Yeroo itti aanuutti rakkicha maddarraa furuuf hirmaannaa hawaasichaa murteessaa ta’uu ibsameera.

Daayrektarri olaanaan hariiroo uummaata komishinii poolisii magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaaw Faantaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, baatiwwan jahaan darbaniitti konkolaattoota 74 irratti yakki hanna raawwatameera jedhan.

Sisaay Geetinatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment