Magaalichatti giddugaloonni gabaa gurguddoon 3 guutummaatti hojii eegalan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti giddugaloonni gabaa gurguddoon 3 humna guutuun tajaajila eegaluu Biiroon Daldalaa magaalichaa beeksise.
Giddu galli Oomisha Qonnaa Kolfee, Lammii Kuraa fi Aqaaqii Qaalliitti guutumaan guutuutti tajaajila kennuu eegaluu biirichi ibseera.
Dhaabbileen oomishtootaa fi dhiyeessitootaa 57 torbee darbee eegalee giddugaloota gabaa kanneeniif oomisha dhiyeessaa jiraachuu Daayrektarri Kominikeeshinii Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Sawunnat Ayyalaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Dabalataan daldaltoonni qinxaaboo 147 oomisha isaanii dhiyeessaa jiraachuu fi waldaaleen 11 oomisha akka dhiyeessaniif waliigalteerra ga’amuu Obbo Sawunnat ibsaniiru.
Giddugaloonni kunneen gatii madaalawaan hawaasaaf oomishaalee dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Waayita soomaa kana qaala’iinsa gatii muudachuu malu ittisuu keessatti qoodni giddugaloota kanneenii olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment