Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Galmeessi meeshaalee waraanaa hanga sadaasa 3, 2014tti kan itti fufu ta’uu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Jiraataan magaalichaa kamuu kan meeshaa waraanaa eeyyamaanis ta’e eeyyama malee of harkaa kan qabu kutaalee bulchiinsa magaalichaa hunda keessattii gara buufataalee Poolisii deemuun akka galmeessisu waamichi taasifamuun isaa ni yaadatama.
Guyyaan xumura galmeessa meeshaa waraanaa hanga onkololeessa 27, 2014 ta’us hanga yoonaatti sababa garaagaraan namoonni dhuunfaa hin galmeessifne gaaffii kaasaniin guyyaan galmeessa isaa hanga sadaasa 3, 2014tti akka itti fufu murtaa’uu ragaan Koomishinii Poolisii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.