Magaalichatti galiin Birrii biiliyoona 146 ol walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)-Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti bara baajata 2016tti galiin Birrii biiliyoona 146 ol walitti qabamuu kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 4ffaa gaggeessa jira.

Yaa’icharratti kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gabaasa raawwii karoora bara baajatichaa dhiyeessaniiru.

Magaalichatti bara baajataa 2016tti galii Birrii biiliyoona 151 ol walitti qabuuf karoorfachuu ibsuun ,galiin Birrii biiliyoona 146.84 walitti qabamuu ibsaniiru.

Galii argame bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamuu %44 dabaluu himaniiru.

Hojiilee misooma magaalichaaf baasiin idilee fi kaappitaalaa waliigalaa birrii biiliyoona 139.2 akka ture Aadde Adaanech kaasaniiru.

Comments (0)
Add Comment