Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti danbiin gatii mana kiraa fi kireeffattoota manaa baasuu dhorkuuf ba’e baatiiwwan 3 dheerachuu ibsameera.
Bulchiinsi magaalichaa kanaan dura gaaffii lammiilee fi haala yeroo biyyaalessaa hubannaa keessa galchuun danbii daballii gatii kiraa manaa fi kireeffattoota manaa baasuu dhorku baasuun isaa ni yaadatama.
Danbichi baatiiwwan sadan darbaniifis dheereffamee turuu bulchiinsi magaalichaa yaadachiiseera.
Yeroo ammaas lammiilee dhiibbaa garaagaraarraa ittisuuf danbicha baatiiwwan 3 dhufaniif dheeressuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.
Haaluma kanaan baatiiwwan 3 dhufaniif gatii kiraa manaa dabaluunis ta’e kireeffattoota manaa baasuun kan hin danda’amne ta’uu bulchiinsi magaalichaa hubachiiseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.