Magaalichatti dambiin daballii kiraa Manaa dhorkuuf ba’e baatii 6f dheerate

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dambiin daballii kiraa manaa dhorkuuf ba’e baatii 6f dheerachuu ibsameera.

Baatiwwan jahan itti aananiif gatii kiraa manaa dabaluu fi kireeffataa baasuun kan hin danda’amne ta’uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Bulchiinsi magaalichaa dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf Dambii gatii daballii kiraa manaa fi Kireeffataa manaa baasuu dhorku baasuun hojiitti hiikaa tureera.

Qajeelfamni kunis waggaa tokkoof hojiirra oolaa tureera.

Ammas haala qabatamaa magaalichaa fi biyyaa tilmaama keessa galchuun qajeelfamichi baatii 6f akka itti fufu murtaa’uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsa baaseen himeera.

Bu’uuruma kanaan kireessaan gatii kiraa manaa dabaluu fi kireeffataa fedhii isaan ala baasuuf yaaleerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment