Magaalichatti bu’aan qormaata kutaa 8ffaa ifoome

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti bu’aan qormaata kutaa 8ffaa bara barnootaa 2014 ifoomuu Biiroon Barnoota magaalichaa beeksiseera.

Barattoota qormaaticha fudhatan keessaa %63.9 qabxii 50 fi isaa ol galmeessisuu ibsameera.

Qabxichi kan bara darbee galmaa’een walbira qabamee yoo madaalamu olaanaa ta’uu ibsameera.

Barattoonni qormaaticha fudhatan bu’aa qormaatasaanii karaa teessoo biirichi guyyaa har’aa irraa eegalee baasuun ilaaluu kan danda’an ta’uu beeksifameera.

Magaalichatti barattoonni kumni 71 fi 832 qormaaticha fudhachuu ragaan Biiroo Barnoota Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment