Magaalichatti biqiltuu miiliyoona 7.4 dhaabuuf qophiin taasifamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ganna bara kanaan biqiltuu miiliyoona 7 fi kuma dhibba 4 ol dhaabuuf qophiin taasifamuu  Biiroon Miidhaginaa fi  Misooma Magariisaa magaalichaa beeksise.

Magaalichatti misooma magariisaa gannaa bara 2014tti biqiltuu miiliyoona 7 fi kuma dhibba 4 ol dhaabuuf buufataalee biqiltuu 9 keessatti hojiin biqiltuu horsiisuu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa %20 kuduraalee fi muduraalee ta’uu Ittaantuun hogganaa biirichaa aadde Yimmanyuushaal Taaddasaa eeraniiru.

Magaalichatti hojiin ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan haala kutaalee hawaasaa hunda hirmaachiseen Waxabajjii 18-20,2014tti  kan eegalu ta’uu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment