Magaalichatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 1tti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu ibsame.

Balichaan barattoota 2 dabalatee lubbuun namoota 6 darbuu ibsameera.

Taksiin lakkoofsi gabatee isaa AA02166 ta’e Quusqaam irraa gara Shiroo Meedaatti osoo imalaa jiruu fireeniin cituun balaa qaqqabeen lubbuu daa’imman barattootaa dabalatee namoota 6 darbuu hogganaan Waajjira Bulchiinsa Nageenyaa kutaa magaalichaa obbo Geetaahuun Abarraa ibsaniiru.

Hangaa miidhaan qaqqabee fi sababa ka’umsa balichaa baruuf qorannoon dabalataa taasifamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment