Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Balaa lolaa waqtii Gannaa muudachuu danda’u ittisuuf koreen qindaa’ee xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiise.
Bulchiinsi magaalichaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen, balaa lolaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun lubbuu namaa fi qabeenyaaf sodaa ta’aa jiru ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himeera.
Iddoolee balaa cimaan qaqqabuu danda’a jedhamuun adda ba’an irratti hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Iddoolee adda ba’an kanneenirratti hojiin furmaata yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa saffisaan akka hojjetamu kallattiin kaa’amee gara hojiitti galamuu himuu isaa ragaan Waajjira Kaantibaarraa argame ni muul’isa.
Hawaasni iddoolee kanneen jiraatanis of eeggannoo taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeeseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.