Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatii Caamsa irraa eegale Waraqaa eenyummaa dijiitalaa malee Doqdoqqee konkolaachisuun kan hin eeyyamamne ta’uu Ejensiin Maanaajimantii Tiraafikaa Magaalichaa beekiseera.
Abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistoonni Doqdoqqee eeyyamaa isaanii dhaabbiilee GPS itti maxxansifatan irraa waraqaa eenyummaa dijitaalaa isaanii hanga Eebla 30 ,2015 tti akka fudhatan ejensichi hubachiiseera.
Caamsaa 1 ,2015 irraa eegalee konkolaachistoota Doqdoqqee waraqaa eenyummaa dijitaalaa malee konkolaachisan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ragaan ejensicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.