Magaalichatti baatii 1 keessaatti meeshaaleen waraanaa garaagaraa kumni 2 fi 700 ol to’annaa jala ooluun ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti baatii 1 keessaatti meeshaaleen waraanaa garaagaraa kumni 2 fi 700 ol to’annaa jala ooluu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ibsameera.

Onkololeessaa 25 hanga Sadaasa 25, 2013 manneen jireenyaa, dhaabbilee fi konkolaattootaa irratti sakattoo taasifameen meeshaaleen waraanaa kumni 2 fi 700 olii fi rasaasni kumni 80 to’annaa jala oolii Komishiniichi beeksise.

Meeshaalee to’annaa jala oola keessaa boombii harka, fanjii farraa konkolaataa, reediyoo wal qunnamsiistu, qawwee kilaash koovii, raawuncharoonnii fi shugguuxiin keessaatti argamu.

Meeshaaleen to’annaa jala kan oolaan poolisii fedeeraa fi naannolee qamoolee nageenyaa waliin ta’un sakattoo taasisanii ta’u komishinichii ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment