Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaanni Qillee fi Cuupphaa karaa nagaan akka kabajamu dargaggoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.
Poolisiin dargaggoota tolaa oolaa magaalichaa waliin qindoominaan nageenya magaalichaa kabachiisaa jiraachuu Daayreektarri Hariiroo Ummataa Komishinii Magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaa Faantaan ibsaniiru.
Nageenyaa fi Tasgabbii ayyaana Qillee fi Cuuphaaf ammo xiyyeeffannoo addaa laachuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Diyaaspoorawwanii fi michoonni Ityoophiyaa gara biyyaa dhufan iddoo kamittuu sodaa nageenyaa malee akka socho’aniif Poolisiin hordoffii fi to’annoo olaanaa taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Kabajni ayyaanaa karaa nagaan akka raawwatu Konkolaachiiftoonni fi lafa deemtoonni miira itti gaafatamummaan socho’uu akka qaban Komaandar Faasikaan eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.