Magaalichatti Ayaanni Daamaraa Masqalaa iddoowwan kuma 2fi 200 olitti nagaan kabajamee xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti  Ayaanni Daamaraa Masqalaa iddoowwan kuma 2fi 200 olitti karaa nagaafi haala miidhagaa ta’een kabajamee xumuramuu bulchiinsi magaalichaa ibse.

Ayyaana Masqalaa ilaalchisee bulchiinsi magaalichaa ibsa baaseera.

Jiraattonni magaalichaa hundi ayyaanichi ayyaana waloo keenya, Ityoophiyaa addunyaatti kan beeksise jechuun ayyaanichi qabiyyee amantaarra darbee calaqqee maqaa gaarii biyyattiifi biyyattiin nageenya jaallachuusheef agarsiistuu ta’uu qabatamaan mirkaneessuu eerameera.

Uummanni magaalichaa naannawaasaatti waliin ta’uun wantoota ayyaanichaaf barbaachisan qopheessuun, naannawaa miidhagsuun, baga ittiin isin gahe waliin jechaa duudhaaleen Ityoophiyummaa laafaniiru jedhan daran cimanii akka bahan, magaalittiin fakkeenya sab-daneessummaafi wal deeggaruu ta’uushee kan itti mul’isame ta’uu ibsameera.

Gama biraan humnoonni farreen nageenyaa magaalittii jeequufi haala ayyaanichaa balleessuuf akkasumas maqaa gaarii biyyattii xureessuuf yaalii taasisuu eerameera.

Karoorriifi hawwiin  diinota kanneenii qindoomina qaamolee nageenyaafi uummataan fashalaa’uu ibsameera.

Qindoomina uummataa, qaamolee nageenyaafi hoggansa sadarkaan jiraniin ergamtoonni humnoota farreen nageenyaafi meeshaaleen gocha shororkeessummaaf qophaa’an bakkeewwan garaagaraatti to’atamuu eerameera.

Humnoonni farreen nageenyaa hagamillee waltumsanis ta’e hagam qophaa’an ijaafi gurra uummataafi qaamolee nageenyaa jala kan hin baaneefi yaaddoo nageenya waaraa ta’uu akka hin dandeenye ayyana itti mirkaneeffatame ta’uu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf gahee isaanii ba’atan hunda galateeffachuu eerameera.

Ayyaana Irreechaa dhufuuf waltumsuufi tokkummaan dagannaa tokko malee harka walqabachuun magaalicha irra deebiin  fakkeenya nageenya haa taasisnu jechuun waamicha dhiyeesseera.

Keessummoota Ayyaana Irreechaa kabajuu dhufan keessummeessuun, jaalala qooduufiin akkasumas waliin ta’uun shira diinaa fashaleessuun barbaachisaa ta’uu yaadahiifameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment