Magaalichatti abbootii seeraa adeemsa murtoo kennuurratti yakkamaa jedhaman irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti abbootii seeraa adeemsa murtoo kennuurratti yakkamaa jedhaman irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu Pirezidaantiin mana murtichaa Obbo Tasfaayee Mallas ibsan.

Manni mare magaalaa Finfinnee oolmaasaa guyyaa 3ffaan gabaasa raawwii hojii manneen murtii dhaggeeffateera.

Pirezidaantiin mana murtii magaalichaa obbo Tasfaayee Mallas gabaasa mana marichaaf dhiyeessaniin, abbootii seeraa adeemsa murtoo kennuurratti yakkamaa jedhaman irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu eeruun,dandeettii fi ogummaa abbootii seeraa guddisuuf leenjiiwwan garaagaraa kennamuu ibsaniiru.

Hoggantoota dubartootaa guddisuuf haala addaan hojiin ijaarsa dandeettii hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bara baajatichaatti Birrii miiliyoona 10 galii taasisuus gabaasichaan dhiyaateera.

Gabaasa dhiyaaterratti bal’inaan erga mari’atameen booda sagalee guutuun raggaasifamuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment