Magaalichaatti wantoonni boba’oo fi keemikaaloonni kuusaa shagaxaaa shagaxii nama dhuunfaa keessatti kuufaman to’atamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti wantoonni boba’oo fi keemikaaloonni kuusaa shagaxaaa shagaxii nama dhuunfaa keessatti kuufaman to’atamuu Komishiniin Poolisii maagaalichii beeksise.

Wantoonni boba’oo fi Keemikaalloon kuusaa shagaxaaa shagaxii nama dhuunfaa jireenya isaa Saa’uud Arabiyaa taasiise obbo Mahaammad Hasan jedhamu keessatti argamuu komishinichi ibsa miidiyaaleef ergeen ibseera.

Namni dhuunfaan kun ‘daldalaa qinxaaboo Waantoota boba’aa fi meeshaalee keemikaalaa’ jedhuun eeyyama baafatee socho’aa turuu komishinichi ibseera.

Jijjiirrama booda ammoo eeyyamicha ‘daldala qinxaaboo shagaxaa shagaxaa’ gara jedhutti jijjiiruun socho’aa kan ture ta’uu eereera.

Tikni nageenyaa fi qaamoleen nageenyaa itti dhiyeenyaan hordofaa turuun kuusaa Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 5 gooxii 5 jedhamuun waamamutti sakattoo taasiifameen Waantoonni boba’oo fi meeshaaleen keemikaalaa hedduun to’atamuu komishinichi ibseera.

Yeroo ammaa kuusichi saamsamuu eereera.

Oduma walfakkaatuun namoonni dhuunfaan dabtara qusannoo herreega Baankii nama dhuunfaa Birrii miiliyoona 40 tokko qabu waliin dhahuun Birrii miiliyoona 13 baasuun daddabarsuun shakkaman to’atamuu ibsa isaan himeera.

Namoonni harkaaf harkatti qabaman kunneen cheekkiwwan hin barreeffamni Baankii Ambassaa fi Abisiiniyaa, dabtarota adda addaa waliin to’atamuu ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment