Magaalichaatti sagantaan barnootaa ‘barumsa mana kootti’ jedhu hojiirra oolaa jiraachuu himame

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan barnootaa ‘barumsa mana kootti’ jedhu hojiirra oolaa jiraachuu Biiroon Barnooraa magaalichaa beeksiseera.

Hoggaanaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee obbo Zalaalam Mulaatuu ibsa laataniin, sababa weerara vaayrasii koroonaan barattoonni barnootaa ala akka hin taane sagantaan barnootaa Raadiyoo, Teeleeviizhinii fi walitti hidhamiinsa fuuloota miidiyaalee hawaasaan tatamsa’aa jiraachuu himaniiru.

Eebila 7, 2012 irraa eegalee sagantaan barnootaa Teeleeviizhinii Afrii Heelziin kutaa 7ffaa – 12ffaatti gosa barnootaa hundaan darbaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan FM 94.7 fi fuulawwan miidiyaalee hawaasummaa Teeleegiraamii fi ‘WhatsApp’n gorsti barnootaa hundi kallaattiin tatamsa’aa akka jiru obbo Zalaalam dubbataniiru.

Barattootaa magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee hunda biraan ga’uuf Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraatiin sagantaan barnootaa kun darbaa jiraachuu himameera.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Teeleeviizhiin Afrii Heelzii Dooktar Meeloon Baqqalaas torbee darbee eegalee sagantaa 45 oliin tatamsa’aa akka jiru ibsaniiru.

sagantaan kunis Wiixaxa hanga Jimaatti ganamaa sa’aatii 3-6:30tti, Waaree booda sa’aatii 8-9:30 darbaa jiraachuu Dooktar Meeloon dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment