Magaalichaatti proojaktoonni misoomaa hojjetamaa jiran ariitiin xumuramuun tajaajilaaf akka oolan kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Proojaktoonni misoomaa hojjetamaa jiran ariitiin xumuramuun tajaajila hawaasaaf ooluu akka qaban kallattiin kaa’amuu ibsame.
 
Kaantibaa itti aantuun magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee magaalichaatti haala proojaktoonni gurguddoon irra jiran beekuuf Biiroo Koonistiraakshinii, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii fi hoggantoota proojaktootaa waliin mari’ataniiru.
 
Marii taasifameen haala proojaktoonni gurguddoon irratti argaman hubachuu isaanii aadde Adaanachi Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Rakkooleen furamuu qaban adda baafamuu fi proojaktoonni kunneen ariitiin xumuramuun tajaajila hawaasaaf ooluu akka qaban kallattiin kaa’amuu ibsaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment