Magaalichaatti maanguddootaa daandirra jiraataan kuma 2 fi 700 kaasuuf hojjetamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti maanguddoota kuma 2 fi 754 daandiirraa kaasuuf dhaabbilee tola ooltootaa waliin hojjechaa jiraachuu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa magaalichaa beeksise.
 
Guyyaa kaleessaa maanguddootaa jireenya isaanii daandirraa taasiisan 286 gara giddugala gargaarsa maanguddootaatti galchuu isaanii itti aanaan itti gaafatamaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa magaalaa Finfinnee obbo Taklee Dheereessaa dubbataniiru.
 
Guyyoota itti aanuus maanguddootaa weerara vaayrasii koroonaa fi rakkoolee biroof saaxilamoo ta’an gara Maqdooniyaa, giddugala gargaarsa kabajamaa maanguddootaa fi giddugala gargaarsa dhukkubsatoota sammuutti galchuuf qophiin duraa xumuramuu obbo Takleen ibsaniiru.
 
Maanguddoota kanneen gara giddugalaatti osoo hin galchiin dura Ministeera Fayyaa waliin ta’uun qorannoon barbaachisuu taasifamaafii jiraachuus himaniiru.
 
Hundeessituu fi daayreektarri olaantuun giddugala gargaarsa kabajamaa maanguddootaa aadde Warqinash Muuni’ee giddugalichi waggoottaan kurnan darbanitti maanguddoota hedduu daandiirraa kaasuun kunuunsaa jiraachuu himaniiru.
 
Giddu galichi yeroo ammaa maanguddoota 200 oliif kunuunsa taasisurratti kan argamu ta’uu ragaan Waajira Seekreetaariyaat Preesii magaalaa Finfinneerra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment