Finfinnee, Caamsaa 10, 2013(FBC) – Magaalaa Finfinneetti maanguddoonni harka qaleeyyiin kumni 19 ol ji’a ji’aan Seeftineetirraa kallattiin fayyadamoo akka ta’an taasiifamuu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa magaalichaa beeksiise.
Biirichi mata duree ‘waqtaawaa fi deebii qabatamaa maanguddootaaf’ jedhuun guyyaa maanguddootaa yeroo 29ffaaf kabajeera.
Maanguddoonni boqonnaa jireenyaa garaagaraa keessa darbuun umrii kanaaf kan qaqqaban Ityoophiyaaf warreen oolmaa guddaa oolaan ta’uu saganticharraatti kan argaman Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaatti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.
Maanguddoota jireenya rakkisaa keessaa jiraatan kuma 19 fi 780 keessaa kumni 19 fi 241 ol ji’a ji’aan kallattiin fayyadamoo Seeftineetii akka ta’an taasiifamuu hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa obbo Tafarraa Mollaa dubbatachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.