Magaalicha Misoomsuuf hoggansi kutannoofi qindoominaan hojjechuu qaba- obbo Oordiin Badrii

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Magaalaa Harar Misoomsuufi karooraan hogganuurratti hoggansi kutannoofi qindoominaan hojjechuu akka qabu Pireezidaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii ibsan.

Magaalaa Harar haala tarsiimawaa ta’een hogganuuf koreen hundaa’uufi Obbo Oodriin Badriin koricha waliin mari’achuu ibsameera.

Rakkoolee guddina magaalichaatti hudhaa ta’an furuuf karooraan hogganamuun barbaachisaa ta’uu Obbo Oordiin eeraniiru.

Uummata hirmaachisuun magaalicha guddisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.

Hoggansi itti gaafatamummaa isaa haalaan ba’achuu akka qabu yaadachiisuun, lafa haalaan itti fayyadamuuf, bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf, muddama tiraafikaa hir’isuu, miidhagina magaalaa babal’isuu, carraa hojii uumuufi galii guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Hojiin ijaarsa seeraan alaafi weerara lafaarratti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf eegalame cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Magaalonni baadiyyaa sadii naannichatti hundaa’an giddugala diinagdee ta’uun dargaggootaaf carraa hojii akka uuman taasisuuf hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Koreen hundaa’es karoora guddina magaalichaa mirkaneessuu danda’u qopheessuun gara hojiitti galuu akka qabu yaadachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment