Magaalicha guyyaan galmeesse meeshaalee waraanaa hanga Onkololeessa 27,  2014tti dheerate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Namoota sababoota garaagaraan meeshaalee waraanaa hin galmeessineef guyyaan galmeessaa hanga Onkololeessa 27, 2014tti dheerachuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.

Namoonni dhuunfaan meeshaalee waraanaa harkaa qaban hundi qajeelcha poolisii kutaalee magaalaa 11 fi buufataalee Poolisiitti qaamaan argamuun galmeessuu akka qaban ergaa dabarseera.

Qajeelfama ba’e hordofee guyyoota sadan darban meeshaaleen waraanaa hedduun galmaa’uu ibsameera.

Namoonni meeshaalee waraanaa hin galmeessine akkaataa labsii yeroo ariifachiisan kan itti gaafataman ta’uu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment