Magaalaan Sulultaa fi aanaan Haluu daldaltoota seeraan ala gatii dabalanirratti tarkaanfii fudhatan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Magaalaan Sulultaa fi aanaan Haluu daldaltoota seeraan ala gatii dabalanirratti tarkaanfii fudhatan.

Daldaltoota tamsa’ina vaayrasii koroonaa sababeeffachuun daballii gatii taasisan irratti tarkaanfichi kan fudhatame.

Koreen bulchiinsa magaalaa Suluultaatti gabaa tasgabeessuuf dhaabbate daldaaltootaa fi manneen tajaajila hawaasaa meeshaalee irratti gatii seeraan ala dabalan irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi akeekkachisaa kenne.

Hojii hanga ammaatti hojjetameenis, manneen daldalaa 6 ta’an irratti tarkaanfiin bulchiinsaa kan fudhatame yoo ta’u, 25 irratti ammoo akeekkachiisni kennameera.

Haaluma walfakkaatun, godina Iluu Abbaa Boor aanaa Haluutti koreen teekiniikaa tasgabbii gabaa sakattoo taasisaniin daldaltoota meshaalee qulqullinaa irratti gatii dabalan 2 fi daldaltoota mi’eessituu adda addaa fi meeshaalee nyaataa irratti gatii dabalan 2 irratti tarkaanfii fudhataniiru.

Bifuma walfakkaatun Dalloo Mannaa, magaalaa Roobee, magaalaan Jimmaa fi magaalonni hedduun daldaltoota daballii hin malle taasisan irratti tarkaanfii walfakkaataa fudhachaa jiru.

Biiroon Daldalaa Oromiyaa ibsa kaleessa laaten dhaabbilee daldalaa 200 ol ta’anirratti tarkaanfii fudhachuu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment