Magaalaan Neezarlaand Zaheeg dhorkii boba’aa Raashiyaa bituu jalaa ba’uun barbada jette

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Magaalaan Neezarlaand Zaheeg dhorkii boba’aa Raashiyaa bituu jalaa ba’uu akka  barbaaddu gabaafame.

Magaalittiin eeyyama yeroo dhorkii boba’aa Raashiyaa bituu jalaa baa’uu Gamtaa Awurooppaarraa argachuu akka barbaaddu beeksisteetti.

Magaalattiin eeyyamicha kan gaafattu filannoo dhiyeessii anniisaa waan dhabdeefi tajaajila barbaachisaa kennuuf waan danqamteef ta’uu eerameera.

Gaaffii magaalittiin gamtichaaf dhiyeessite yeroo gabaabaafis ta’u dhorkii Gamtaan Awurooppaa Raashiyaarra kaa’e jalaa bilisa kan ishee baasu ta’uu ibsameera.

Gaaffiin magaalattii eeyyama kan argatu yoo ta’e filannoo dhiyeessii annisaa hanga argattutti dhaabbata boba’aa Raashiyaa Gaazpiroom irraa boba’aa bituu kan dandeessu ta’uu ibsameera.

Hanga ammaatti Gamtaan Awurooppaa gaaffii magaalattiirratti wanti jedhe kan hin jirre ta’uu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment