Magaalaan Jimmaa taphoota Priimeyar Liigii keessummeessuuf qophii barbaachisu xumuruu ibsame

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC) – Taphoonni Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa boqonnaan itti aanu magaalaa Jimmaatti kan gaggeeffamu ta’uu eerrameera.
Taphoonni Beetkiingii Ityoophiyaa marsaa 7ffaa hanga marsaa 11ffaatti Jimmaatti kan taphatamu ta’a jedhame.
Gareen liigichaa haala qophichaa hordofuuf gara sana imale qophiin jiru harki caaluu gaarii ta’uu ibseera.
Kaantibaan magaalaa Jimmaa obbo Tiijjaanii Naasir gama isaaniin magaalaan Jimmaa keessummoota ishee simachuuf qophii barbaachisu xumuru ibsaniiru.
Kilaboonni hedduun Hoteela keessa boqotan kan qabatan yoo ta’u,Wiixataa eegalee gara sana ni imalu jedhameera.
Taphoonni kunneen Istiyaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti kan taphatamu ta’uu eerramera.
Maddi:-Soccer Ethiopia
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment