Magaalaan Hoolotaa galii Birrii miiliyoona 433 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Bulchinsi Magaalaa Hoolataa bara baajataa kana galii gibiraa Birrii miiliyoona 433 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Magalichatti duullii galii gibiraa walitti qabuu gaggeeffamaa jira.

Kantiiban Magaalaa Hoolataa Aaddee Tsahaay Zallaqaa, sosochii galii magaalaa walitti qabuun bara darbee galii idilee Birrii miiliyoona 160, galii mana qopheesaa Birrii miiliyoona 18 walitti qabameera jedhan.

Bara kanas galii gibiraa Birrii miiliyoona 433 walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.

Karooraa kana milkeessuuf duulaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii, kaffalaan gibiraa yeroo isaatti fayyadamuun akka qabu ibsaniiru.

Hanga yoonnattis Birriin miiliyoona torbaa ol walitti qabamuu danda’meera jedhame.

Magaalichatti daldaltoonni kuma 400 ol akka argaman eerameera.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment