Magaalaan Finfinnee dorgommii idil addunyaa sirna balfa gogaa gaasiiwwan miidhaa qaqqabsiisaan dhabamsiisuu gaggeeffame injifatte

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – Magaalaan Finfinnee dorgommii idil addunyaa fooramii Kantibaalee C 40 gidduutti sirna balfa gogaa gaasiiwwan miidhaa qaqqabsiisaan dhabamsiisuu gaggeeffame injifatteerti.

Badhaasicha Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Arjentiinaa magaalaa Boonas Ayirasitti argamuun fudhataniiru.

Fooramiin Kantibaalee Addunyaa C 40 Arjentiinaa magaalaa Boonas Ayiras gaggeeffamaa jira.

Magaalaan Finfinnees hojmaata faalama Jijjiirrama qabeenya Qilleensaa ittisuu fi deebisanii fayyadamuu hojiirra oolchuu,sirna balfa dhabamsiisuu diriirsuun balfa gara Kompostiitti jijjiiruun madda galii taasiisuurratti hojii hojjetteen badhaafamteerti.

Bulchiinsi magaalichaa faalama qilleensaa kana dura ture hambisuun sirna dhabamsiisa balfaa jireenya lammiilee hedduu jijjiiree hojiirra oolchuun hojii jajjabeessaa hojjeteera jedhame.

Akkasumas misooma kuduraa oddoo babal’isuun sirna dhabamsiisa balfaa diriirsuun hojii hojjetameef beekkamtii kana argachuu himameera.

Fooramiin Kantibaalee Addunyaa C 40 faalama qilleensaa dababalaa jiru waloon ittisuuf magaaloota 100n kan hundaa’e ta’uu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaan Finfinnee tibba darbe sagantaa Nyaata Barattootaan hojii hojjeteen Biraaziil Magaalaa Riiyoo Dejeeneeriiyootti beekkamtii fi badhaasa argachuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment