Magaalaa Wucaaleetti Madfii gareen shororkeessaa ABUT dhukaaseen miseensoonni maatii 4 ajjeefaman

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Magaalaa Wucaaleetti Madfii gareen shororkeessaa ABUT dhukaaseen miseensoonni maatii 4 ajjeefamuu warri ijaan argan himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT ‘Ityoophiyaa diiguuf si’ooliinan bu’a’ jechuun harkasaa diriirsee lammiilee nagaarratti gochi badii inni hin raawwannee hin jiru.

Gareen kun haleellaa raayyaa ittisa biyyaa humnoota nageenya dhadhabuun lammiilee nagaa ajjeesuu fi qabeenyaa saamuu ibsituusa taasifateera.

Jiraataan magaalaa Wucaalee ajajaan shantamaa Faantaayee Mollaa haleellaa garichi raawwateen saaxilamaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT meeshaa jabaa gara Wucaaleetti dhukasuun miseensoonni maatii 4 yoo ajjefamaan, kanneen biroorra ammoo miidhaan qamaa hamaan qaqqabeera.

Ajajaan shantamaa Faantaayee Mollaa haleellaa meeshaa jabaa garee shororkeessaa ABUT’tiin, haadha mana ilma isaanii akkasumas ijjoollee obboleessaa isaanii dhabaniiru.

Manni jireenyaa lamaa fi mana nyaanni itti bilchaatu guutuuma guutuutti yoo jala barbada’uu,hoolonni isaanii 6 ammoo ajeefamuu himaniiru.

Maatii miidhamtoota kan ta’aa aadde Argaash Haaylee, akkuma haleellichi raawwateen bakkicha wayita ga’aan sadii lubbuun isaanii darbuun inni 4ffaan gateetti isaaniirratti haammatanii osoo jiraanii lubbuun isaa darbu ibsaniiru.

Haadhaa fi haadha warraa isaanii al tokkotti kan dhabe ilmii ajaja shantamaa Faantaayee obbo Gabayyoo Faanyaayeem, bo’uu hin dandeessaan jedhamnee dhorkameerra jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment